Yuunivarsiitiin Salaalee jijjiirama haala qilleensaa saffisa guddaan babal’achaa jiru kana qolachuuf biqiltuuwwan
addaa addaa qopheessuun hawaasa Yuunivarsiitichaa hirmaachisee aanaalee Warra Jaarsoo, Dagamiifi Mooraa Yuunivarsiitichaa Oddoo Jeneraal Taaddasaa Birruu keessa dhaabeera. Sagantaa biqiltuu dhaabuu aanaalee addaa addaatti adeemsifame kanarratti hoggontoonni olaanoon, barsiisonniifi barattoonni yuunivarsiitichaafi hawaasni naannoo hirmaataniiru.
Diiniin Kolleejjii Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Barsiiftuu Shawaadinbar Makonnin akka ibsanitti Yuunivarsiitichi biqiltuuwwan kuma dhibbaan lakkaa’aman qopheessuun dhaabsisee kunuunsaa jira. Dabalataanis sagantaan biqiltuu dhaabuu kun waqtii tokko qofatti raawwatamee kan dhaabbatu osoo hin taane cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Daayireektarri Daayireektoreetii Tajaajila hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Taaddasaa Birhaanuu gama isaaniin biqiltuu dhaabuun galma isa dhumaa waan hin taaneef kaayyoo ka’ameef milkeessuuf biqiltuuwwan dhaabamaniif kunuunsi barbaachisaan taasifamuufii qaba jedhan.