GAAOn gumii aadaa, afaaniifi senaa Oromoo dagaagsuudha.Kaayyoon bu’uuraa hundeeffama gumii kanaa (GAAO) aadaafi Afaan Oromoo gabbisuu yommuu ta’u,
miseensonni gumichaas caasaalee addaa addaa jalatti ijaaramuun hojiiwwan isaanirraa eegaman kan raawwatan ta’a.Barattoonni Yuunivarsiitii Salaaleetti muummeewwan addaa addaa baratan miseensa gumii kanaa ta’uun dandeettii kalaqasaanii gabbifachaa aadaafi afaan Oromoo kan dagaagsan yommuu ta’u, barnoota idilee dareetti baratanis haala qabatamaa keessatti akka hojiirra oolchaniif gumaacha olaanaa qaba. Caasaaleen gumichaa ijaaramanis yaa’ii waliigalaatiin kan hogganaman yommuu ta’u, Muummeen Afaan Oromoofi Og-barruus abbummaadhaan gumicha kan hordofuu deeggarsa barbaachisaa kan kennu ta’a. Gumiin kun dandeettiiwwan barattootaafi walitti dhufeenya barattootaa kan cimsu ta’uunis beekkameera.